Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanni Masqalaa ayyaana nageenyaafi jaalala lallabu ta’uu qaba- Eebbifamoo Abunee Saawiroos

Finfinnee, Fulbaana 12, 2018 (FMC) – Ayyaanni Masqalaa ayyaana nageenyaafi jaalala lallabu ta’uu qaba jedhan Hojii Gaggeessaa Olaanaan Mana Lubummaa Waliigalaa Mana Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa Eebbifamoo Abunee Saawiroos.

Manni Amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaa qophii kabaja Ayyaana Masqalaa/ Ayyaana Ifaa bara 2018 ilaalchisuun ibsa kenniteetti.

Ibsicha kan kennan Eebbifamoo Abunee Saawiroos, guyyicha ergaawwan karaa hundaan darban nageenyaafi jaalala kan lallaban ta’uu akka qaban hubachiisan.

Ayyaanicharratti sirna uffannaa aadaa Itiyoophiyaa eege hordofuun barbaachisaa ta’uu fi uffannaas ta’e mallattoo garaagarummaa calaqqisiisan uffachuun barbaachisaa akka hin taane yaadachiisaniiru.

Guyyaa kabaja Ayyaanichaa alaabaa biyyaalessaa Itiyoophiyaafi aasxaa mana amantichaa fayyadamuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.

Kabaja Ayyaanichaaf qophii barbaachisaan taasifamuu yaadachiisanii, qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru dubbatan.

Hirmaattonni Ayyaanichaa oolmaa faannoo irratti nuuf oolame yaadachuun kabajuu qabna jechuunis dhaamaniiru.

Heenook Lammiitu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.