Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti pirojektiin jallisii Finnaa Birrii miiliyoona 400 oliin ijaarame eebbisiifame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2018 (FMC) – Godina Jimmaa aanaan Botor Xoollaayitti pirojektiin jallisii Finnaa Birrii miiliyoona 400 fi miiliyoona 6 oliin ijaarame eebbisiifameera.

Pirojektiin jallisii Finnaa Eegan jedhamu kun lafa heektaara 400 misoomsuufi qonnaan bultoota 800 ol tajaajiluu kan danda’udha jedhameera.

Pirojektiin kun Pirojektiiwwan Finnaa naannichatti ijaarsi isaanii xumurame 35 keessaa tokko ta’uu Hogganaan Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injinar Girmaa Raggaasaan ibsaniiru.

Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Itti gaafatamaan Damee Siyaasaa obbo Namarraa Bulii gamasaaniin, biyyattiin sochii nyaataan of danda’uu milkeessuun cinaatti ariitiifi qulqullinaan oomishuuf projektoonni jallisii sadarkaa hundarra jiran deeggarsa olaanaa kennu jedhan.

Abdurahmaan Mahaammadtu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.