Daandiin Roobee Seeruu geessu suphamuu dhabuun hawaasa komachiise
Finfinnee Fulbaana 13, 2018 (FMC) – Godina Arsiitti daandiin Aspaaltii gara aanaalee Roobee fi Seeruu geessu ciccituun dafee suphamuu dhabuun hawaasa komachiiseera.
Daandichi gara magaalaa Habee Addeellee kan geessu iddoo addaa Marfoo jedhamutti, akkasuma Addeellee – Balee kan geessu iddoo addaa Baamo jedhamutti waan cicciteef imala geejjibaaf rakkisaa ta’eera.
Kun ammoo rakkoo hawaas diinagdee cimaa qaqqabsiisaa jiraachuu kanneen FMC’f yaada kennaan ibsaniiru.
Konkolaachiftoonni daandiin caccabe meeshalee konkolaataa duraa miidhaa waan jiruuf baasii dabalataaf isaan saaxiluu dubbatu.
Itti Gaafatamaan Waajjira daandiifi loojistikii Aanaa Amiinyaa obbo Ermiyaas Balaay rakkinichi humna isaanii ol tahuu fi abbuummaan kan ilaallatu Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Federaalaa tahuu eeran.
Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Federaalatti hogganaan Piroojektii daandii Aspaaltii Roobee – Seeruu Injiinar Alamaayyoo Geetaachoo gama isaaniin, daandicha yeroo ji’a tokkoo keessatti cirrachaan suphuun furmaati yeroo kan kennamu ta’uu dubbatan.
Rakkinicha waaraan furuuf garuu gara Aspaaltiitti jijiiruuf hojjetamaa jiraatus sababa rooba gannaan harkifachuu ibsanii, akkaataa karoorfameen xumuruuf xiyyeeffannaan hojjetama jedhan.
Olyaad Ahimadtu gabaase.
#Oromia #Ethiopia