Ayyaanni Daamaraa Masqalaa haala ho’aan akka kabajamuuf qophiin taasifameera
Finfinnee, Fulbaana 14, 2018(FMC)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Ayyaanni Daamaraa Masqalaa haala ho’aan akka kabajamuuf qophiin taasifameera jedhe.
Poolisiin Federaalaa Ayyaanichi milkaa’inaan akka kabajamuuf dureewwan mana amantaa Kiristiyaanaa Ortodoksii waloomaa Itiyoophiyaa waliin mari’ateera.
Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka jedhanitti, dureewwan mana amantichaa waliin mari’achuun ayyaanichi milkaa’inaan akka xumuramuuf hundi gaheesaa akka bahatu taasisa.
Magaalaa Finfinnee dabalatee guutuu biyyattiitti hojiin teeknooloojiin deeggarame hojjetamuu kaasanii, miseensota poolisii bobbaasuun qaamolee nageenyaa naannoofi federaalaa waliin qindoomuun hojiin nageenya kabachiisuu hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Dureewwan mana amantichaa gamasaaniin, waltajjiiwwan kabaja Ayyaana Daamaraa Masqalaa ilaalchisee qaamolee nageenyaa fi qooda fudhattootaa waliin gaggeeffameen ayyaanichi haala ho’aa ta’een akka kabajamuuf hawaasni abbummaan akka hojjetuuf haalli mijataan uumamuu ibsaniiru.
Bara kana baajiiwwan konkolaattonni ittiin dabarfamaniifi keessummoonni ittiin seenan teeknooloojii ammayyaan kan deeggaraman qophaa’uus eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.