Fana: At a Speed of Life!

Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa bu’aa gadi aanaa galmaa’eef dhiifama gaafate

Finfinnee, Fulbaana 16, 2018(FMC)- Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa bu’aa gadi aanaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa irratti galmaa’eef dhiifama gaafate.

Pirezidaantiin Federeeshinichaa Koomaandar Atileet Silashii Sihiin turtii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa sababeeffachuun ibsa kenneen, Atileetonni dorgommichaaf qophii gahaa haa taasisan iyyuu malee bu’aan argame kan nama mufachiisu ta’uu ibseera.

Kanaaf ammoo uummata Itiyoophiyaa dhiifama gaafanna jedheera.
Qophii wayita dorgommichaafi dorgommichaan dura tureen atileetotaafi leenjistoota gidduu rakkoon walkabajuun hojjechuu dhabuu akka ture dubbateera.

Atileetonni waloon shaakaluuf fedhii dhabuun bu’aa gadi aanaan galmaa’uuf sababa biraa ta’uu kaasuun, Federeeshinichi akka dhaabbataatti hojii hojjechuu qabu sababa hanqina yeroofi dhimmoota biroon haala gahaa ta’een hojjechuu akka hin dandeenye ibseera.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa haala leenjii keenyaa akka ilaalluufi akka federeeshiniitti hojimaata keenya akka sakattaanu nu taasiseera jedheera.

Daayrektarri Faasiliitii Federeeshinichaa Asaffaa Baqqalaa gamasaaniin, leenjistoonni tokko tokko akkaataa sagantaa galchaniin federeeshinichi haala shaakala atileetotaa daawwachuuf wayita deemu leenjistoonni bakkichatti kan hin argamne ta’uu ibsan.

Itiyoophiyaan dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan meedaaliyaa Meetii 2 fi Nahaasa 2 argachuun sadarkaa 22ffaan xumuruun ishee kan yaadatamudha.

Daani’eel Indaaleetu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.