Irreechi sirna galateeffannaafi walooma cimsuu irratti kan ijaarame ulfoo nagaa tiksuufi araara buusuuti – Obbo Hayiluu Addunyaa
Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) – Gumiin Balal marsaa 45ffaan mata duree ‘Irreecha; Olka’iinsa biyyaaf!’ jedhuun gaggeeffamaa jira.
Ayyaana Irreechaa Fulbaana 24 Hora Finfinneefi Fulbaana 25 Hora Arsadeetti kabajamu sababeeffachuun Waajjira Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa galma Gumii Balalitti gaggeeffama.
Waltajjiin Gumii Balal kunis walta’iinsa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaafi Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qophaa’e.
Hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa sagantaa gumii balal kanarratti haasawaa taasisaniin falaasamoota gurguddoo dhalli namaa uume keessaa Gadaan tokko ta’uu ibsuun,caaseffamoota falaasamni sirna Gadaa ijaare keessaa ammo Irreechi isa tokko ta’uu dubbataniiru.
Irreechi sirna galateeffannaafi kadhannaa akkasumas walooma hawaasummaa cimsuu irratti kan ijaarame ulfoo nagaa tiksuufi araara buusuun beekamudhas jedhan.
Irreechi itita muuxannoo jiruufi jireenyaan barootaaf ijaaramaafi afoolaan walharkaa fuudhamaa kan as ga’e, beekumsa mandhalee hariiroo oleetiin walitti dhufeenya ilmi namaa uumaa waliin qabu kan ilaaluufi hariiroo dalgeetiin deemsa walooma uumama hundaa kan tiksu akka ta’e Obbo Hayiluun eeraniiru.
Kanaaf Oromoon dhuka dhahaa faana dhahee Waaqa yeroo maree fidee maree namaaf dabarsu, hamtuurraa hanqisee gaarii ilma namaa badhaasu; alaa manaan, namaa sa’aan, waatii maatiin tiksee dukkana bariisisee fuula ifaa wal agarsiisu maatiin Dinqatti, gosaan Borootti, Sabaan Malkaatti Irreeffachuun uumaa isaa galateeffata jedhan.
Oromoon uumama jiidha qabatee uumaa Waaqaafi lafaa, eegaa biyyaafi namaa kan galateeffatuuf uumaan hundaa ol ta’uu waan hubatuufidha kan jedhan Obbo Hayiluun, Uumaan hunda uumee bulchiinsa ilma namaaf akka kennes kan amanu ta’uu himan.
Irreechi sabaan Malkaatti irreeffatamu Bifaafi Amantaan, Afaaniifi eenyummaan hin loogu, hammannaafi simannaan kan ijaarame waltajjii Addunyaawaa ta’uus dubbataniiru.
Irreechi icciitii uumamaatiin namoota kan araarsu uumaafi uumamas walitti kan dhiyeessudha.
Uummatni Oromoo dhugaasaa qabatee, duudhaa isaa dhugeeffachaafi saboota waliinis hariiroo obbolummaa cimsachaa imala gara olka’insaatti eegalameef utubaa ta’uu akka qabu Obbo Hayiluun dhaamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.