Fana: At a Speed of Life!

Torbeen Tuurizimii Oromiyaa 5ffaan eegale

Finfinnee, Fulbaana 20, 2018 (FMC) – Torbeen Tuurizimii Oromiyaa 5ffaan guyyoota sadan itti aananiif turu har’a Hoteela Iskaayi Laayitiitti jalqabeera.

Hoggantoonni Mootummaa Federaalaa, naannolee fi qooda fudhattoonni saganticharratti hirmaachaa jiru.

Kaayyoon isaas qabeenya Tuurizimii beeksiisuu fi hariiroo qooda fudhattootaa cimsuu ta’uutu ibsame.

Torbeen Tuurizimii Iddoolee hawwata Tuurizimii beeksiisuuf tattaaffilee godhamaa jiraniif tumsa kan taasiisu ta’uu Komishanarri Itti Aanaan Komishinii Tuurizimii Oromiyaa Naggaa Wadaajoon kaasaniiru.

Qooda fudhattoonni biyyoota Afrikaa 7 irraa dhufan 27 torbee Tuuriziimii kanarratti hirmaachaa jiraachuu kaasan.

Sagantichaan qaamolee damichaaf gumaacha olaanaa bahataniif beekamtiin ni kannama akkasuma Bareedduun Tuurizimii Oromiyaa 2018 ni filamti.

Taammiraat Dalaliitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.