Manni Maree Federeeshinii yaa’ii idilee gaggeessuu eegale
Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC)- Manni Maree Federeeshinii Yaa’ii idilee 1ffaa bara hojii 5ffaa gaggeessuu eegaleera.
Manni marichaa ajandaalee guyyaa har’aaf qabaman raggaasisuun mari’achaa jira.
Ajandaalee yaa’ichaan raggaasise biroo irratti mari’achuunis murtoo ni dabarsaan kan eegamu ta’uu Daayrektarri Kominikeeshiniifi Hariiroo Uummataa Mana Marichaa Tarrafaa Badhaadhaan Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.
Sirni baniinsa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Federeeshinii guyyaa kaleessaa gaggeeffamuun isaa kan yaadatamudha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.