Fana: At a Speed of Life!

Sirni to’annoo odeeffannoo konistiraakshinii ifoome

Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC)- Sirni to’annoo odeeffannoo konistiraakshinii iftoominaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf gargaaru ifoomeera.

Sirnichi inisheetiivii ce’umsa indaastirii konistiraakshinii biyyaalessaa Ministeerri Magaalaafi Bu’uuraalee misoomaa hojiirra oolche bu’uura godhachuun qophaa’uu ibsameera.

Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii sagantaa kanarratti akka jedhanitti, sirni kun qulqullina tajaajilaa damee konistiraakshinii eegsisuufi damicha ammayyeessuuf gahee olaanaa bahata.

Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Konistiaakshinii Itiyoophiyaa Dooktar Masfin Nagawoo gama isaaniin, sirni to’annoo odeeffannoo konistiraakshinii kun sirni odeeffannoo nageenyummaan isaa eegame akka jiraatuuf gargaara jedhan.

Sirni kun waliin ta’iinsa Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa, Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Itiyoophiyaafi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Itiyoophiyaan misoomuun eerameera.

Sirnichi dhaabbileefi qooda fudhattoota damee konistiraakshinii jala jiran kuma 26 ol kan hammatu yoo ta’u, iftoominaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kan gargaaru ta’uun ibsameera.

Qooda dameen konistiraakshinii ‘GDP’ keessatti qabu %20 irraa gara %24 kan guddisu ta’uunis himameera.

Alamsaggad Asaayyeetu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.