Dooktar Abiy Ahimad Miidiyaa “Pulse Of Africa” hojii eegalchiisan
Finfinnee, Fulbaana 27, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Miidiyaa “Pulse of Africa” hojii eegalchiisaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad hojii eegalchiisuu miidiyaa kanaa ilaalchisuun ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin miidiyaan “Pulse of Africa” hojii eegaluun odeeeffannoo yaraa waa’ee Afrikaa dhiyaatu dhaabuurra darbee seenessii keenya hojii ofii keenyaan qajeelchuu cimsuuf tarkaanfii faayida qabeessa jedhan.
Afrikaan qabeenya kuufamaa hedduu fi bal’aa yoo qabaattellee yeroo hedduu gadaantuu fi dandeettii akka hinqabneetti ibsamaa turuu himan.
Kanarraa ka’uun, xiqqaa ta’us garuu hiikaa olaanaan jalqabbiin miidiyaa “Pulse of Africa”, yeroowwan itti aanaan keessaa miidiyaa adda dureetti daandiin ittiin guddatu faayidaa kan qabaatudha jedhan.
Afrikaan giddugala indaastirii fi hirmaattuu dhimmoota idil addunyaa ijoo daandii ta’erra haala shakkii hinqabneen imalaa jiraachuu kan kaasan Dooktra Abiy, hundeeffamuun “Pulse of Africa” tarkaanfii fuuldura mil’achuu ta’uus eeran.
Bu’uura sagalee Afrikaa bal’inaa fi ciminaan waltajjii Addunyarratti dhageessisuus ta’uu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.