Karoorri dhaloota qaruu fi biyya ijaaruu akka milkaa’uuf tumsi akka taasifamu waamichi dhiyaate
Finfinnee, Fulbaana 27, 2018 (FMC)- Damee barnootaan karoorri dhaloota qaruu fi biyya ijaaruuf qabame akka milkaa’uuf qaamoleen garagaraa tumsa akka taasisan waamichi dhiyaate.
Jilli hoggantoota Mootummaa olaanoo Pirezidaantii itti aanaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii fi Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyiin durfamu hojiilee misoomaa Magaalaa Naqamtee daawwateera.
Daawwannichaan tumsa Faawudeeshinii Tsahaay Qaabataan, dareewwan dabalataa Mana baruumsa Sadarkaa 2ffaa Biiftuu Naqamtee keessatti Birrii miiliyoona 45 oliin ijaaraman eebbifamaniiru.
Hoggannan Biroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, Mootumman Naannoo Oromiyaa barnootaaf xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira jedhan.
Kunis manneen barnootaa Bu’uura Boruu babal’isuu irraa eegalee manneen barnootaa ammayyeessuun qulqullina barnootaa lafa qabsisuuf hojiilee hojjetamaa jiran akka fakkeenyaatti eeran.
Hojii kana milkeessuf Dhaabbileen dhuunfaa fi miti-mootummaa gumaacha gochaa akka jiran kaasanii, tumsi Faawundeeshinii Tsahaay Qaabataas qaama kanaa ta’uu himan.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny gama isaaniin faawundeeshiniin maqaa haadha isaaniin hundeeffame kaayyoo haatii isaanii “Namni akka of gargaaruuf gargaaru” jedhu milkeessuuf hojiiwwan misoomaa adda addaa hojjechaa jiraachuu kaasanii, mana barumsaa ijoollummaan keessaatti barataniif dareewwan dabalataa ijaaraman kunis qaama hojii kanaa ta’uu dubbataniiru.
Pirezedantii itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii gama isaaniin, mootummaan naannichaa damee barnootaarratti xiyyeeffannaa addaan hojjechaa jiraachuu dubbatan.
Kana keessatti tumsi qaamolee addaa addaas murteessaa ta’uu kaasanii, tumsa barbaachisaa taasisuun gama barnootaan karoora dhaloota qaruu fi biyya ijaaruu qabame akka milkeessan waamicha dhiyeessaniiru.
Galaanaa Tasfaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.