Tuurizimii magaalichaaf gahee olaanaa kan bahatan Ayyaanota Masqalaafi Irreechaa—
Finfinnee, Fulbaana 27, 2018(FMC) – Ayyaanonni Masqalaa fi Irreecha Hora Finfinnee sosochii tuurizimii magaalaa Finfinnee keessatti gahee olaanaa bahataniiru jedhe Komishiniin Tuurizimii magaalichaa.
Magaalaan Finfinnee torbanoota darban keessa ayyaanota dirree namoonni hedduun irratti hirmaatan keessummeessiteetti.
Komishinarri Komishinii Tuurizimii magaalichaa Hundee Kabbadaa Faanaa Dijiitaaliif akka ibsanitti, keessummoonni hedduun ayyaanota kanneen irratti waan hirmaataniif qophii guddaan taasifamee ture.
Hirmaattonni ayyaanota kanneenii fi daawwattoonni alaa tajaajila gahaa akka argataniif dhaabbilee dhuunfaa tajaajila kennan waliin qophii gahaan taasifamee akka tures yaadachiisaniiru.
Ayyaanonni kunneen guddina tuurizimii biyya keessaaf qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, hirmaattonni sirnoota ayyaanaan cinaatti bakkeewwan gahumsa tuurizimii magaalichaa akka daawwatan taasifamuu eeraniiru.
Yeroo itti aanutti bakkeewwan gahumsa tuurizimii babal’isuun fi beeksisuun akkasumas dandeettii damee tajaajilaa guddisuun faayidaa tuurizimiirraa argamu guddisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.