Sirna kaffaltii gibiraa ammayyeessuun lakkoofsa hattootaa hir’isuun danda’ame – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 28, 2018(FMC) – Sirna kaffaltii gibiraa ammayyeessuun lakkoofsa hattootaa hir’isuun danda’ameera jedhan Ministirri Muummeen FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Sirni beekamtii kennuu kaffaltoota gibiraa amanamoo ta’anii 7ffaan gaggeeffameera.
Sirni kaffaltii gibiraa ammayyaa’uu dhabuu fi rakkoon adeemsa kaffaltii gibiraarratti mul’achaa ture komii ta’ee turuu dubbatan Dooktar Abiy saganticharratti argamuun haasawa taasisaniin.
Komii kaffaltoota gibiraa bu’uura godhachuun hojii sirna kaffaltii gibiraa ammayyeessuun kalaqa mandhaleen hojjetameen adeemsicha ammayyeessuun danda’amuu eeran.
Kanaanis dhamaatii fi waliin dhahuu raawwatamaa ture hir’isuun danda’amuu dubbatan.
Mootummaan akkaatuma waadaa galeen hojiilee misoomaa garaagaraa raawwachaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Tattaaffii mootummaan Badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf gochaa jiru keessatti gaheen kaffaltoota gibiraa olaanaa ta’uu ibsan.