Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gurgurtaa kitaaba Ida’amuu irraa galii argame Tulluu Hambarichoo jalatti bakki boqonnaa akka ijaaramuuf arjooman
Finfinnee, Fulbaana 28, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad gurgurtaa kitaaba Ida’amuu irraa galii argame Tulluu Hambarichoo jalatti bakki boqonnaa akka ijaaramuuf arjooman.
Ministirri Muummeen baatii sadii dura Naannoo Giddugala Itiyoophiyaa daawwachuun misooma koriidarii baadiyyaa fi qe’eewwan baadiyyaa moodeelaa dabalatee sagantaa tola ooltummaa yeroo gannaa eegalchiisuun isaanii ni yaaatama.
Daawwannaa yeroo sanaan sadakaawwan 777 tulluu Hambarichoo akka ijaaramaniif bulchiinsa godinichaaf hoji manee kennanii deebi’anii turan.
Baatii sadan keessatti kallattii kennameef raawwachuun Tulluun Hambarichoo irra deebiin sadarkaalee 777 dhugoomsuun waliigalatti sadarkaalee kuma 1 fi 500 oli irraan geessisuun ijaaramiu xumuraniiru.
Kutaanoo fi bu’aa naannichaaf beekamtii kennuuf Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad galii gurgurtaa kitaaba Ida’amuu irraa argame Tulluu Hambarichoo jalatti bakki boqonnaa akka ijaaramuuf arjoomaniiru.
Kanaanis bakkichi naannoo Giddugala Itiyoophiyaaf bakka ga’umsa Tuurizimii cimsuuf caalmaatti kan gargaaru ta’uu odeeffannoon Waajjira Ministira Muummee irraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia.