Instiitiyuutichi Gargaaraa Abbaa Seeraafi kaadhimamtoota Abbootii Alangaa 198 eebbisiise
Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC)- Inistiitiyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Oromiyaa Gargaaraa Abbaa Seeraafi kaadhimamtoota Abbootii Alangaa 198 eebbisiiseera.
Daayrektarri Inistiitiyuutichaa aadde Addunyaa Ahimad sagantaa eebbaa kanarratti haasawa taasisaniin, eebbifamtoonni ogummaa argataniin tajaajila haqa qabeessa akka kennan dhaaman.
Eebbifamtoonni mirga lammiilee eegsisuufi tajaajila haqaa si’ataafi qulqullina qabu kennuun uummata tajaajiluu akka qabanis hubachiisaniiru.
Pirezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abbaa Simal gama isaaniin, haqa mirkaneessuun amantummaa uummataa mirkaneessuu waan ta’eef, eebbifamtoonni sirna haqaa cimaa ijaaruu qabdu jedhan.
Sirna haqaan tajaajila si’ataafi qulqullina qabu mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Teeknoolojjiitti fayyadaamuun tajaajila gahaa uummata qaqqabsiisuuf hojjechuu qabnas jedhan.
Faxxanaa Zawudeetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.