Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Afaar aanaa Koonaabaatti Kirkirri lafaa manneen 500 ol miidhe

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC) – Kirkirri lafaa naannoo Afaar aanaa Koonaabaatti mudate manneen 500 ol irra miidhaa qaqqabsiise.

Bulchaan Aanichaa obbo Mahaammad Yaahiyyaa Faanaa Dijiitaaliif akka ibsanitti, balaan kirkira lafaa aanichatti mudate bu’uuraalee misoomaafi qabeenya hedduurra miidhaa cimaa geessiseera.

Balichi manneen 517 irra miidhuu kaasanii, gandoota Uruhuu fi Edagahaanuu jedhamanitti boolla bishaanii 74 irra miidhaa geessisuu eeraniiru.

Balichi oomisha lafa heektaara 10 irratti oomishame mancaasuu kaasanii, masjiidota lamaa fi mana barnootaa daree barnootaa 8 qabus miidhuu ibsaniiru.

Balaan kirkira lafaa kun aanichatti kutaalee hawaasaa kuma sadii ol qe’ee isaaniirraa buqqaasuus dubbataniiru.

Naannawichatti ammas mallattooleen kirkira lafaa jiraachuu ibsuun, hawaasni iddoowwan saaxilamoo ta’an irraa akka of qusatu hubachiisaniiru.

Kutaalee hawaasaa balichaan miidhaman deeggaruufi deebii ariifachiisaa kennuun deebisanii dhaabuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetamaa akka jiru yaadachiisaniiru.

Yaasin Nuuruun.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.