Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii sharafa alaa Baankii Biyyaalessaan cimee itti fufe…

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa yaa’insi sharafa alaa waan itti fufeef bara baajetaa haaraattis sharafa alaa dhiyeessuu cimsee akka itti fufu ibseera.

Baankichi caalbaasii sharafa alaa guyyaa boruun geggeessas jedheera.

Baankichi caalbaasicha ilaalchisee ibsa baaseen, gartokkee galii sharafa alaa baankotaaf dhiyeessuun isaa dhiyeessii sharafa alaa baankotaa deggeruun sharafa alaa fi gatii tasgabbeessuu dandeessiseera jedhe.

Caalbaasii boruu kanaafis Doolaara miliyoona 100 fi Miliyoona 50 kan qopheesse yoo ta’u, qaamoleen caalbaasii kanatti hirmaatan sanada isaanii ganama sa’aatii 4:00 irraa hanga 6:00tti galfachuu akka danda’an ibseera.

Caalbaasichi guyyuma kana sa’aatii 9:00 irratti akka ifoomu Baankiin Biyyaalessaa beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.