Tajaajili Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa guyyaa alaabaa kabaje
Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018 (FMC) – Tajaajili Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa guyyaa alaabaa Biyyaalessaa 18ffaa sagantaalee garaagaraan kabajeera.
Guyyicha bakka hoggantoonni fi miseensoonni tajaajilichaa aragamanitti kan kabaje.
Daayrekteerri itti aanaan tajaajilichaa Sisaay Tolaa ergaa wayirta kana dabarsaniin, Alaabaan Itiyoophiyaa mallattoo aarsaa weerartoota ittisuu fi walabummaa biyyaa eegsisuuf kaffalamee ta’uu ibsan.
Miseensonni tajaajilichaas bu’aa biyyaalessaa, walabummaa fi kabaja biyyaa kabajchiisuuf yoo bobba’an mara imaanaa guddaa alaabichaa qabachuun hanga aarsaa ta’uutti gatii kaffalu jedhan.
Alaabaan Itiyoophiyaa aasxaa ibsituu eenyummaa lammiilee hunda kaayyoo waloof walitti qabu akka ta’e ibsanii, miseensonni tajaajilichaa gaaddisa alaabichaa jalatti ergama nageenya biyyaa mirkaneessuu haala olaanaan akka raawwatan mirkaneessuu isaanii tajaajilchi odeeffannoo Faanaa Dijiitaaliif ergeen ibseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.