Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan ilaalcha bara gita bittaa Ijipt laga Naayil irratti calaqisiistu kufaa taasiste

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC) – Itiyoophiyaan ilaalcha bara gita bittaa tumsa Afrikaanotaa faallessu Ijipt laga Naayil irratti calaqisiistu fudhatama hin qabu jechuun kufaa taasiste.

Ministeerri Bishaaniifi Inarjii ibsa baaseen, ergaa Ijipt biyyoota yaa’a laga Naayil waliin damee pirojektii bishaaniin tumsaan hojjechaan jira jechuun dabarsite dogoggoraafi bu’uura kan hin qabne ta’uu ibseera.

Ijipt laga Abbayyaa fi Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaan walqabatee qocolloo cimsitee itti fufuus eereera.

Tibbana aanga’aa olaanaan Ijipt biyyattiin biyyoota yaa’a Naayil waliin bishaan lafa jalaa akkasumas damee misooma pirojektii bishaan roobaa walitti qabuu irratti tumsaan hojjechaa jiraachuufi biyyoota yaa’aaf deeggarsa taasisaa akka jirtu ibsuu yaadachiiseera.

Haaluma Kanaan Ijipt biyyoonni yaa’a Naayil fayyadamummaa laga Abbayyaaf deeggarsa akka qabdu ibsuuf yaaluu isaanii kaaseera.

Ijipt biyyoota yaa’a Naayil waliin tumsa pirojektii kamiyyuu hin qabdu kan jedhe Ministeerichi, haasawaan aanga’aa Ijiptiin taasifame garuu dhugaa hariiroo Ijipt biyyoota yaa’aa waliin qabdu kan faallessu ta’uu eereera.

Qabeenya misooma bishaaniin tumsaan hojjechuuf eeyyama biyyoota yaa’a laga Naayil kan barbaachisu ta’uu kaasuun, pirojektiin tumsaa Ijipt beekamtii kan hin qabne ta’uu beeksiseera.

Ijipt laga Abbayyaa irratti ilaalcha bara gita bittaa qabdurraa kan ka’e damee qabeenya bishaaniirratti tumsaafi dippiloomaasii filachuurra imaammata fashalaa’eefi boodatti hafaa Itiyoophiyaa diiguufi moggaatti dhiibuu hordofaa akka jirtu hubachiiseera.

Waggoottan kurnan darbanitti Itiyoophiyaafi biyyoonni Yaa’a Naayil hammattoo seera laggeen daangaa cehoo idil-addunyaan Ijipt waliin tumsaan hojjechuuf yaalanis Ijipt garuu qajeeltoo fayyadamummaa waloo laga Abbayyaa irratti waliigaluuf eeyyamamtuu osoo hin ta’iin hafuu yaadachiiseera.

Ijipt guutiinsa bishaan laga Abbayyaa fi hammattoo tumsaa waliigaltee yaa’a laga Abbayyaa irratti biyyoota yaa’aa biroo irra addatti mariiwwan gam-sadee irratti fuulleffattee turuus ibseera.

Itiyoophiyaan mirga uumamaa ishee laga Abbayyaa misoomsuuf qabdu eenyu iyyuu dhorkuu akka hin dandeenye mirkaneesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.