Pirejektoonni biyyaalessaa eegalaman olka’iinsa alaabaa keenyaa kan dabalanidha- TKM
Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2018(FMC) – Pirejektoonni biyyaalessaa xumuramaniifi eegalaman olka’iinsa alaabaa keenyaa kan dabalanidha jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.
Guyyaan alaabaa biyyaalessaa marsaa 18ffaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaatti sirnoota garaagaraan kabajameera.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Innaataalem Mallas wayita kana, pirojektoonni biyyaalessaa eegalamaniifi hojiileen birmadummaa nyaataa keenya mirkaneessuuf hojjetamaa jiran kabaja alaabaa keenyaa kan olkaasanidha jedhan.
Hidhi Haaromsaa xumuramuun fi ijaarsi warshaalee gaaziifi xaa’oo cabiinsa diinagdee baroottanii suphuu dandeessisan eegalamuunis olka’iinsa alaabaa keenyaa ni dabalu jechuun ibsaniiru.
Hoggantoonniifi ogeeyyiin tajaajilichaa imala badhaadhina biyyaa milkeessuuf gahee isaanii akka bahatan hubachiisaniiru.
Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa obbo Kabbadaa Deessisaa gama isaaniin, alaabaan keenya mallattoo biyyaafi uummataa ta’uu hubachuun karoorawwan biyyaalessaa kabaja alaabaa keenyaa olkaasan irratti kutannoon hojjechuu qabna jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.