Torbeen ogummaa Afrikaa 2ffaan eegalame
Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018 (FMC) – Torbeen ogummaa Afrikaa 2ffaan har’a Galma Walga’ii Gamtaa Afrikaatti eegalameera.
Torbichi mata duree “Misooma Oguummaa Dandeettii Indaastirii Afrikaa Cimsuuf, Kalaqaa fi Guddina waaraaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Sagantichi hojiilee gara fuulduraatti hojjetamuuf bu’uura kan kaa’uudha jedhan Ministirri Ministeera Hojii fi Ogummaa aadde Mufaariyaat Kaamiil haasawa baniinsaa taasisaniin.
Ogummaarratti xiyyeeffachuun hojjechuun ajandaaleen misoomaa Afrikaa akka milkaa’aan qooda qabaachuu fi addunyaan guddina itti fufiinsa qabu akka galmeessitu dhimma ijoo ta’uu eeran.
Ministeerichi barnoonni Teeknikaa fi ogummaa akka babal’atu Inisheetiiviiwwan garaagaraa bocuun hojjechaa jiraachuu eeran.
Torbeen ogummaa kun hanga Onkololeessa 7, 2018 taa’ama.
Ministira Ministeera Hojii fi Ogummaa aadde Mufariyaat Kaamiil, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammad Alii Yuusuuf dabalatee Ambaasaaddaroonni biyyoota gagaaragaa fi qooda fudhattoonni adda addaa saganticharratti hirmachaa jiru.
Yoonaas Geetinnatiitu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.