Mootummaan naannichaa Doqdoqqeewwan kuma 6 fi 800 caasaalee gandaaf dabarse
Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2018 (FMC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa Doqdoqqeewwan kuma 6 fi 800 caasaalee gandaaf dabarseera.
Mootummaan naannoo Oromiyaa uummatni tajaajila si’ataa dhiyeenyatti akka argatu caasaa gandaa diriirsee tajaajilli hawaasaatti akka gadi bu’uu taasiseera.
Loojistiksii gandootaa caalmaatti cimsuuf kan oolaan har’a Doqdoqqeewwan kuma 6 fi 800 dabarseera.
Doqdoqqeewwan kunneen haala taa’umsaafi qilleensa naannoo waliin kan deeman ta’uu Hogganaan Biiroo Maallaqaa Oromiyaa obbo Tolosaa Gaddafaan ibsaniiru.
Gandoota kuma 6 fi 327 aanaalee 292’f kan raabsaman ta’a jedhan.
Pireezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan furtuu Doqdoqqeewwan kanneenii godinaalee 21’f kennaniiru.
Mootummaan jijjiiramaa waggoottan darban riiformii gaggeessuun hojii hojjeteen itti qufiinsi uummataa dabalaa dhufeera jedhan Pireezidaanti Shimallia Abdiisaan.
Caasaalee gandaa gahoomsuun xiyyeeffannaa mootummaa ta’uu himaniiru.
Doqdoqqeewwan kennamnis hogganasi gandaa caalmaatti hawaasaatti siqee uummata akka tajaajiluuf kan olan ta’uu himaniiru.
Af yaa’iin caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan, Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiifi hoggansii naannoofi godinaalee sagantaa dabarsaa kanarratti argamaniiru.
Muluu Waaqshuumeetu gabaase.