Fana: At a Speed of Life!

Naannawichatti galmoonni Baankii Addunyaa tumsa Itiyoophiyaa malee milkaa’uu hin danda’an- Niidiiyaamee Diiyoopi

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2018( FMC)- Naannawichatti galmoonni Baankii Addunyaa tumsa Itiyoophiyaa malee milkaa’uu hin danda’an jedhan Naannawaa Bahaafi Kibba Afrikaatti Pirezidaantii Itti aanaan Baankii Addunyaa Niidiiyaamee Diiyoopi.

Niidiiyaamee Diiyoopi turtii Faanaa Dijiitaal waliin taasisaniin, bu’aa qabeessummaan pirojektiiwwanii Itiyoophiyaan dameewwan garaagaraan hojjechaa jirtuu kan jajjabeeffamudha jedhan.

Itiyoophiyaatti yeroo jalqabaaf daawwannaa taasisuu kaasanii, turtii isaaniin hoggantoota mootummaa garaagaraa waliin tumsa dameewwan garaagaraan qaban haala cimsuun danda’amurratti mari’achuus eeraniiru.

Itiyoophiyaan michuu ijoo Baankii Addunyaa ta’uufi naannawichatti galmoonni baankichaa tumsa Itiyoophiyaa malee milkaa’uu akka hin dandeenye dubbataniiru.

Fooyya’iinsi diinagdee mandhalee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu fi fooyya’iinsi kun galma akka gahuuf Baankiin Addunyaa deeggarsa barbaachisaa kan godhu ta’uu ibsaniiru.

Deeggarsi dameewwan qonnaa, loojistiksiifi kanneen biroon Itiyoophiyaaf taasifamu cimee akka itti fufus mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.