Paarkiin gaarreen Baalee madda Tuuruzimii cimaa ta’ee itti fufeera – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 8, 2018(FMC) – Daawwannaa guyyaa jalqabaa Godina Baalee simboo qabeenya uumamaa harka namaan faayame nu agarsiiseera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Paarkiin gaarreen Baalee madda Tuuruzimii cimaa ta’ee itti fufeera jedhan.
Loojiin Diinshoo hundhuura paarkichaatti ijaaramaa jiru ammoo yeroo dhiyootti wayita xumuramu faaya uumamaa kanaaf siimboo dabalataa ta’a jechuun ibsan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Loojiin Holqa Soofumar dhiyeenya isaatti ijaaramaa jirus yeroo dhiyootti yoo xumurames turizimiin biyyattiif utubaalee dinagdee shanan keessaa tarsiimoo waggoota kudhaniitti akka tokkootti qabame hojiirra oolchaa kan jiru ta’uu agarsiiftuudha.
Loojichi turtii tuurizimii kan guddisu ta’uu eeran.
Bu’uuraalee Misooma daandiinis piroojektiin fooyyessa Roobee – Gooroo – Soofumra – Ginniir Godina Baalee Bahaa fi Baalee Giddugala Itiyoophiyaan kan walqunnamsiisu jedhan.
Sararri kunis imala gara Holqa Soofumarii fi Gaarreen Baaleetti taasifamu caalmaatti kan guddisu ta’uu eeran.
Daandiin Aspaaltii sadarkaa olaanaan ijaaramu kun Kiiloo Meetira 29 kan dheeratu yoo ta’uu, Riqichoota meetira 12 hanga 140 dheeratan 5 of keessatti hammata jedhan.
Piroojektii to’annoo lolaa laga Weeyibiin daawwannaa keenya xumurreerra jechuun ibsan.
Piroojektichi hamma yaa’a bishaanii Holqa Soofumar to’achuun imalli gara holqichaatti taasifamu waggaa guutuu akka hin gufanneef kaayyeeffamee hojjetamaa jiraachuu kaasan.
Hojiileen hundi misooma waaraaf murannoo jiruu kan muul’isuudha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.