Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin karra galaanaa dhimma seenaan araaramuuti – hayyoota

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2018(FMC) – Gaaffiin karra galaanaa Qananiif osoo hin taane, dhimma seenaan araaramuuti jedhan Hayyoonni.

Karra galaanaa tasa dhabne yeroo ammaa xiyyeeffannoo argachuun isaa of ta’uu, seenaa fi eenyummaa waliin araaramuudha jedhan Daayrekterri olaanaan Inistiityuutii Dhimma Alaa Jaafaar Badiruu.

Dhimmi karra galaanaa seenaa, haqa, uumamaa fi Ji’oopolitikaan dhugaa keenya argachuu fi dhimma gahee Ji’oopolitikaa bahachuutu jedhan.

Birmadummaan Itiyoophiyaa Abbayyaa fi Galaana Diimaarratti kan bu’uureeffame kan jedhan ammoo Pireezidaantii Yuunivarsiitii Samaraa Mahaammad Usmaan.

Tattaaffiin Itiyoophiyaan karra galaanaa argachuuf taasiftu faayidaan isaa naannawaa dabalata jechuun ibsan.

Dhimmi karra galaanaa argachuuf dhimma boruuf bulu akka hin taane eeran.

Qabsoon Dippiloomaasii Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaarratti godhame Karra Galaanaarrattis dabalamuu akka qabu hubachiisan.

Dhimmi Karra Galaanaa kan duras Gootonni Itiyoophiyaa hedduun wareegama lubbuu kan itti kaffalan ta’uu Itti Aanaa Ajajaan Humna Galaanaa Komoodoor Taganyi Lataan kaasaniiru.

Ammas dippiloomaasii karaa nagaan milkeessuuf tattaaffiin eegalame cimuu akka qabu yaadachiisan.

Amalawarqi Makooaniintiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.