Dooktar Abiy Ahimad Paarkii gaarreen Baaleetti kilaastara Harannaa daawwatan
Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Paarkii gaarreen Baaleetti kilaastara Harannaa daawwataniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, Godinichatti turtii isaanii guyyaa lammaffaan misoma jallisii laga Walmal fi daammannaa qonnaan bultoota fayyadamoo dabalataan Paarkii gaarreen Baaleetti kilaastara Harannaa daawwanneerra jedhan.
Pirojektoonni ijaarsaa Paarkii biyyaalessaa gaarreen Baalee irra jiran kunneen bosona Harannaatti Ikkoo loojii Riiraafi naannawaa isaa akkasumas bakkeewwan itti nyaata sooratan, daandiiwwan konkolaataafi imaltoota lafoo, suuqiiwwan bunaa, galmawwan nyaataa Kan qabuufi hanga gara Tulluu Diimtuutti ittiin olbahan kan hammatu ta’uu eeran.
Hojiileen misoomaa kunneen pirojektoota turizimii waaraa ta’uu kaasanii, naannawichatti carraa hojii Kan babal’isaniifi carraa daawwatamuu waan guddisaniif akkaataa addaan kan ilaalamanidha jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.