Du’aan boqochuu Hajii Muftii Umar Idiriis hordofee eebbifamoo Abunee Maatiyaas ergaa gaddaa dabarsan
Finfinnee, Onkololeessa 10, 2018(FMC) – Du’aan boqochuu Pireezidaantii duraanii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Hajii Muftii Umar Idiriis hordofee Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa eebbifamoo Abunee Maatiyaas ergaa gaddaa dabarsaniiru.
Hajii Muftii Umar Idiriis nama collee, maanguddoo gameessa fi garraameessa Itiyoophiyaan muraasa qabdu keessaa isaan tokko turan jedhan ergaa isaaniin eebbifamoo Abunee Maatiyaas.
Gorsaan Ummataa, nama bilchaataa fi tasgabbaa’aa, akkasumas abbaan dhalootaa Dooktarri Kabajaa Hajii Muftii Umar Idiriis du’aan addunyaa kanarraa boqochuu isaanitti gaddi guddaan nutti dhagahameera jedhan.
Hajii Muftii Umar Idiriis dadhabbii addunyaa kanarraa boqochuun isaaniif boqonnaa ta’uu, biyyaaf garuu miidhaa olaanaa akka ta’e kaasan.
Paatiriyaarikiin Mana Amantaa Kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa eebbifamoo Abunee Maatiyaas, Maatii, Firoottaanii fi Hordoftoota Amantaa Musliimaa maraaf jajjabina hawwaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.