Itiyoophiyaan invastimantii dhuunfaa cimsuuf kutannoo qabdi- Obbo Ahimad Shiidee
Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2018(FMC)- Itiyoophiyaan invastimantii dhuunfaa cimsuuf kutannoo qabdi jedhan Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen.
Walga’ii waggaa Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa cinaatti obbo Ahimad Shiideen Daayrektara Olaanaa Korporeeshinii Faayinaansii Idil-addunyaa Maaktar Diyooppi fi Pirezidaantii Itti aanaa Ejensii Wabii Invastimantii Dam-hedduu Hirooshii Maataanoo waliin mari’ataniiru.
Kaayyoon marichaa Itiyoophiyaatti dameewwan gurguddoo keessatti tumsa tarsiimawaa cimsuu fi damee dhuunfaa guddisuuf ta’uun ibsameera.
Obbo Ahimad Shiideen wayita kana, fooyya’iinsi diinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchite abbootii qabeenyaaf diinagdee gooroo tasgabbaa’aafi hawwataa uumeera jedhan.
Itiyoophiyaan imala jijjiiramaa eegalte itti fufsiisuuf Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu eeranii, invastimantiin dhuunfaa akka cimuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Maaktaar Diyooppi gama isaaniin, jijjiirama Itiyoophiyaa dinqisiifachuun Itiyoophiyaatti invastimantiin dhuunfaa akka guddatuuf dhaabbanni isaanii kan deeggaru ta’uu mirkaneessaniiru.
Hiirooshii Maataanoon ammoo Ejensiin Wabii Invastimantii Dam-hedduu baatii Muddee dhufu Finfinneetti kora qorannoo abbootii qabeenyaafi baastota imaammataa kan gaggeessu ta’uu yaadachiisaniiru.
Waltajjichi Itiyoophiyaan invastimantii alaa akka hawwattuuf qooda qabaachuus ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama: t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.