Qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuufi gargaaramtummaarraa bahuuf qindoominni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu qaba- Obbo Adam Faaraah
Finfinnee, Onkoloolessa 10, 2018(FMC)- Galmoota qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuufi gargaaramtummaarraa bahuu milkeessuuf qindoominni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu qaba jedhan Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii fi Pirezidaantii Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah.
Waltajjiin gamaaggama kurmaana jalqabaa bara baajataa 2018 Paartii Badhaadhinaa guyyaa har’aas itti fufeera.
Waltajjichaan raawwii hojiilee mootummaa irratti kan mari’atame yoo ta’u hojiileen carraa hojii uumuuf, qala’iinsa jireenyaa hir’isuufi gargaaramtummaarraa bahuuf hojjetaman fi bu’aaleen argaman akka ajandaatti dhiyaataniiru.
Obbo Adam Faaraah wayita kana, qaala’iinsa jireenyaa hir’isuun fi carraa hojii uumuun dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan ta’uu kaasaniiru.
Gargaaramtummaarraa bahuun birmadummaa guutuu mirkaneessuuf daandii murteessaa ta’uu eeruun, gama Kanaan qindoominaan hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Galmoota biyyaalessaa kanneen haala guutuu ta’een milkeessuuf qindoominni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabus hubachiisaniiru.
Sadarkaa raawwiin akka biyyaatti bu’aaleen argamuu kaasanii, garaagarummaa raawwii bakkaa bakkatti jiru dhiphisuuf ciminaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu yaadachisan.
Bu’aa qabeessummaa guddisuuf waloon karoorsuu fi raawwii waloon gamaaggamuun barbaachisaa ta’uu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama: t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.