Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee seeraan ala maallaqa hawaalaa daddabarsan irratti tarkaanfii cimaatu fudhatama- Dooktar Iyyoob Takkaallinyi

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC) – Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi mootummaan dhaabbilee seeraan ala maallaqa hawaalaa daddabarsan irratti tarkaanfii cimaa fudhata jedhan.

Baankichi dhaabbilee haawaalaa biyyoota alaa jiraniifi baankota daldalaa waliin haala tumsaan hojjechuun danda’amuufi tarkaanfiiwwan seera qabeessa fudhatamuu danda’an irratti mari’ateera.

Dooktar Iyyoob maricha ilaalchisuun ibsa kennaniin, dhaabbileen maallaqa hawaalaa daddabarsan karaa seera qabeessaan akka hojjetaniifi deeggarsa mootummaan taasisuu danda’urratti mari’achuu kaasaniiru.

Dhaabbileen tokko tokko waamicha mootummaan dhaabbileen maallaqa hawaalaa daddabarsan hundi seera qabeessa akka ta’aniif dhiyeesse hin fudhatiin hafan jiraachuu eeraniiru.

Baankiin Biyyaalessaa dhaabbilee kanneen irratti tarkaanfii qorannoo irratti hundaa’e akka fudhatu yaadachiisaniiru.

Akka biyyaatti qabeenyi sharafa alaa jiraachuu kaasanii, Baankiin Biyyaalessaa haala amansiisaa ta’een qabeenya kana dhiyeessaa jiraachuu ibsaniiru.

Miikiyaas Ayyalaan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama: t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.