Fana: At a Speed of Life!

Hidhi Haaromsaa Pirojektii humna abjuu Itiyoophiyaa bu’uuresse; olka’iinsa Itiyoophiyaa jalqabsiiseedha – Obbo Hayiluu Addunyaa

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2018 (FMC) – Mariin Gumii Balal marsaa 46ffaan mata duree “Injifannoo Hidha Haaromsaa: Abdiirraa Gara Ifa Qabatamaatti” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Hidhi Haaromsaa Pirojektii humna abjuu Itoophiyaa bu’uuresse; olka’iinsa Itoophiyaa jalqabsiiseedha jedhan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan ergaa maricharratti dabarsaniin.

Hidhichi daandii seenessa haaraa itti fayyadama bishaan gaanfa Afriikaa sirneesse walqixxummaas mirkaneesse ta’uu kaasan.

Kana malees, pirojektii seenessa hin danda’amuu geeddaree ilaalcha Afrikanummaa bifa haaraan galma haaraaf boce dhugaa eenyummaa Itiyoophiyaa ta’uu dubbataniiru.

Cichoomina hoggansa jijjiiramaafi aarsaa qaalii uummatni kaffaleen abdiirraa gara ifa qabatamaatti kan ce’e ta’uu eeran.

Ijaarsa Pirojektii Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa milkeessuu keessatti uummatni Oromoo akka baay’inaafi guddummaa isaa gitutti gama hundaan gumaacha irraa eegamu taasisuu himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.