Naannichi warqee kiiloogiraama kuma 1 fi 700 ol Baankii Biyyaalessaatti galche
Finfinnee, Onkoloolessa 13, 2018(FMC)- Biiroon Misooma Albuudaa Naannoo Beenishaangul Gumuz baatiiwwan sadan darbanitti warqeen kiiloogiraamni kumni 1 fi 723 Baankii Biyyaalessaatti galeera jedhe.
Hogganaan Biirichaa Tuujaanii Adam akka jedhanitti, naannichi bara baajataa 2018’tti warqee kiiloogiraama kuma 7 ol Baankii Biyyaalessaatti galchuuf karoorsee hojjechaa jira.
Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti waldaalee eeyyama oomshuu qabaniifi waldaalee xixiqqaa addaa irraa warqee kiiloogiraamni kumni 1 fi 723 Baankii Biyyaalessaatti galuu dubbataniiru.
Damichaan filmaatawwan galii garaagaraa irra Birrii miiliyoonni 27 argamuus eeraniiru.
Fooyya’iinsi diinagdee gooroo mootummaan taasise rakkoo gabaa seeraan alaa maqsuun dhiyeessitoota warqee fayyadamoo taasisuu ibsuu isaanii TOI gabaaseera.
Damicha teeknooloojiin deeggaruuf hojiin hubannoo oomishtootaa guddisuufi dhiyeessii teeknooloojii hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.