Koreen Hojii Raawwachiiftu Paartii Badhaadhinaa walga’ii gaggeessuu eegale
Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Koreen Hojii Raawwachiiftu Paartii Badhaadhinaa walga’ii gaggeessuu eegaluu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Korichi dhimmoota biyyaalessaa dabalatee ajandaalee adda addaarratti mari’achuuf har’a ganama walga’ii isaa eegaluu ibsan Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.