Ijaarsi Pirojektii madda anniisaa qilleensaa Asallaa % 93 irra ga’e
Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Ijaarsi pirojektii madda anniisaa qilleensaa godina Arsii aanaa Heexosaatti ijaaramaa jiru % 93 irra gahe jedhe Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa.
Pirojektiin gandoota afur waliin gahu maddi anniisaa aduurraa maddisiisu kun wayita xumurame madda anniisaa gara meeggaa waattii 504tti akka guddisu ibse.
Pirojektiin kun tarbaayinoota 29 qabu keessaa 23 sakatta’amanii giriidii waliin wal quunnamuu isaanii Daayrektarri Komunikeeshinii Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Magos Makonniin dubbataniiru.
Pirojektiin kun meeggaa waattii 100 maddisiisuu akka danda’u dubbatan.
Gama biraatiin, naannoo Somaaleetti ijaaramaa kan jiru pirojektiin madda anniisaa qilleensaa Ayishaa 2ffaan raawwiinsaa % 85.6 qaqqabuusaa eeran.
Pirojektichi tarbaayinoota 48 tokkoon tokkoonsaanii meeggaa waattii 2.5 maddisiisan keessaa tarbaayinoonni 32 xumuramanii meeggaa waattii 80 maddisiisaa jiraachuu kaasan.
Ijaarsisaa wayita guutummaan xumurame anniisaa meeggaa waattii 120 maddisiisuu akka danda’u ibsan Obbo Magos.
Itiyoophiyaan qilleensarraa madda anniisaa giigaa waattii 1.2 ol maddisiisuu akka dandeessu qorannoowwan gaggeeffaman an agarsiisan ta’uu TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.