Baankichi Itti fayyadama Herrega Baankii dhuunfaafi Qaama 3ffaa ilaalchisuun qajeelfama dabarse
Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Itti fayyadama Herrega Baankii dhuunfaafi Qaama 3ffaa ilaalchisee qajeelfama cimaa ta’e dabarse.
Maamiltoonni baankii hedduun lakkoofsa herrega baankii isaaniin galmaa’een ala kan qaama sadaffaa fayyadamuun gurgurtaa raawwatu jedheeera.
Daldaltoonni hedduu lakkoofsa herrega baankk maqaa isaaniin galmaa’een ala kan qaama sadaffaa fayyadamuun bittaa fi gurgurta raawwachaa jiraachuu himeera.
Baankichi qorannoo gaggeesseen sosochiin bittaa fi gurgurtaa hedduun lakkoofsa herrega baankii qaama sadaffaan kan raawwatamu ta’uu mirkaneessera jedhe.
Kunis sassaabbii galii gibiraa dheeffuuf hojmaata raawwatamu akka ta’eedha kan hime.
Sosochiin maallaqaa haala kanaan raawwatu shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu waliin kan walqabatu ta’uus ni mala jedhe.
Baankiin Biyyaalessaa hojimaata kanneenirratti tarkaanfii qindaa’aan akka fudhatamu murteessuu ibseera.
Bu’uura kanaan nageenyummaa fi amanamummaa sirna faayinaansii eeguuf, akkasuma nageenya diinagdee tiksuuf baankonni hundi maamiltoota lakkoofsa herrega dhuunfaa fi qaama sadaffaa hojmaata seeraan alaaf oolchaan ilaalchisee ragaalee barbaachisu gurmeessuun akka ergan Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa qajeelfama dabarseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.