Sassaabbii qonna gannaafi qophii qonna bonaaf xiyyeeffannoon kennamee jira – BKO
Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Sassaabbii qonna gannaafi qophii qonna bonaaf xiyyeeffannoon kennamee hejjetamaa jira jedhe Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa.
Oomishaafi oomishtummaa dabaluuf hojiin qophii lafaa irraa kaasee hanga sassaabbitti hojjetamu murteessaadha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas hojii misooma qonnaatiif xiyyeeffannaa addaa kennee hojjetaa jiruun qophii lafaa irraa kaasee hanga sassaabbiitti jiru teeknolojiifi ogummaadhaan deeggaramuun akka gaggeeffamu taasisaa jira.
Wayitiin kun ammoo wayitii qophii qonna bonaafi sassaabbii oomisha gannaa bara 2017/18 kan itti raawwatamuudha.”Golli Oromiyaa wayitii hunda misooma” mata duree jedhuun sosochii taasifamaa jiruun carraa jiru hunda fayyadamuun gannaa bona misoomni qonnaa boqonnaa malee gaggeeffamaa jira.
Kanaanis bu’aan jajjabeessaa itti fufsiisuun danda’amnaan badhaadhinni maatiifi biyyaa yeroo gabaabaa keessatti dhugoomuu akka danda’u agarsiistuudha.
Misooma qonnaa bara 2017/18tti lafa hektaara Miliyoona 10.8 facaasuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri miliyoona 11.05 baadiyyaafi magaalaa Oromiyaatti faca’ee kunuunsi, iddoo oomishni gahetti immoo sassaabbiin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru.
Kana keessaas lafti hektaara miiliyoona 8.5 (%97) kilaasteraan kan faca’eedha.
Godinaaleen rooba yeroo lamaa fayyadaman (Kibba Oromiyaa) facaasaa xumuranii kunuunsa midhaanii gaggeessuu irratti kan argaman yoo ta’u, Godinalaee hafan keessatti hojii kunuunsa midhaan gara boodaa faca’aniifi naannoo gammoojjiifi lafa dursee faca’utti sassaabbiin oomishaa gaggeeffamuu eegalee jira.
Akkasumas lafa midhaan irraa ka’e irratti jiidha jiru fayyadamuun facaasaan qamadii jallisii kan eegalameera.
Sassaabbiin taasifamu qisaasamaafi gufuu tokko malee yeroo isaatti akka gaggeeffamuuf iddoo mijatu maratti makaanaayzeeshiiniin akka raawwatamu hojjetamaa jira.
Kanaafis qooda fudhattoota adda addaa hojii kana keessatti gahee isaanii bahuu danda’an hunda waliin mariin bal’aan sadarkaa sadarkaan gaggeeffamee hojitti kan galame ta’uu kaasaniiru. Hanga ammaattis lafa hektaara kuma 500 fi kuma 87 fi 459 ol sassaabuuf gahe keessaa heektaarri kuma 300 fi kuma 92 fi 251 sassaabamee jira.
Hojiin misooma qamadii jallisii iddoo carraan bishaanii misooma kanaaf barbaachisu argamu maratti Aanaaleefi gandoota hundarratti sosochiin sadarkaa sadarkaan gaggeeffamu hojiin kan eegalame ta’uu ibsaniiru.
Bara kana akka Oromiyaatti lafa hektaara miliyoona 4 ol misoomsuun oomisha kuntaala miliyoona 100 fi miiliyoona 63.6 ol oomishuuf karoorfamee hojiitti galamee jira.
Hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 500 fi kuma 16 fi 604 qotame keessaa hektaarri kuma 200 fi kuma 50 fi 680 faca’ee kunuunfamaa jiraachuu himeera.
Hojii kana milkeessuuf qonnaan bulaafi qooda fudhattoonni madda bishaanii adda addaa jallisiidhaan, bishaan boolla gadi fagoo,iskiimota ammayyaa fi maddoota bishaanii jiru mara duguuganii fayyadamuu akka qaban dhaameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.