Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad hojii misoomaa Kooriidarii Saarbeet- Addabaabaayii Jarman fi Naannawaa Furii daawwatan

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2018(FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hojii misoomaa Kooriidarii Saarbeet- Addabaabaayii Jarman fi Naannawaa Furii daawwataniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, miseensota Koree Hojii Raawwachiistii Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun hojii misoomaa Kooriidarii Saarbeet- Addabaabaayii Jarman fi Naannawaa Furii daawwanneerra jedhan.

Naannawichi lafa heektaara 589 kan uwwisu ta’uufi Kaazaanchiisitti aanee hojii misoomaa isa bal’aa ta’uu kaasaniiru.

Pirojektichi daandii aspaaltii kiiliimeetira 16.5, daandii keessa keessaa dabalataa kiiloomeetira 3fi daandii imaltoota lafoo kiiloomeetira 33 kan qabu ta’uu eeraniiru.

Kana malees pilaazaawwan, dirreewwan ispoortii, iddoowwan daa’imman itti taphatan, fi misooma qarqara lagaa kiiloomeetira 5.2 hojjetameera jedhan.

Iddoowwan dhaabbii konkolaataa, bakkeewwan konkolaattonni anniisaa elektirikaan socho’an itti humna guuttatan, suuqiiwwan namoota dhuunfaafi mootummaan ijaaraman kyma 1 fi 107 kan qabu ta’uus ibsaniiru.

Misomni kooriidarii kun iddoo magariisaa heektaara 50.5, manneen fincaanii, daandii biskileetii kiiloomeetira 13.3, iddoowwan awutoobisoonniifi taaksiin namoota itti fe’aniifi buusan 38 kan hammatu ta’uus eeraniiru.

Pirojektoonni misooma kooriidarii akka kanaa sosochii diinagdee guddisuurra darbee sosochii tiraafikaa fooyyessuun hariirii hawaasummaa cimsuun naannawaa magaalaa sosochiif mijataa ta’e uumuu keessatti qooda olaanaa kan bahatan ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.