Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech qaamolee Misoomni Koriidarii boqonnaa 2ffaan milkiin akka xumuramu qooda qaban galateeffatan

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen qaamolee Misoomni Koriidarii boqonnaa 2ffaan sararawwan 4’n hojjetamaa ture milkiin akka xumuramu qooda qaban galateeffataniiru.

Misoomni Koriidarii boqonnaa 2ffaa 1, Addabaabayii Masqalaa Magganaanyaa – Saawuuz Geet, 2, Garaazyii Ambassaa – Gooroo, 3, Giddugala Konveeshinii Idil Addunuaa Finfinnee – Gooroo –  Tarminaala VIP Boolee, 4, akkasuma Calcalii – Addabaabayii Jarman – Addabaabayii Furii Gaarmaanti hojjetamaa tureera.

Kantiibaa Adaanech Abeebeen qaamolee hojiin misoomaa kun qulqullinaa fi saffisaan akka xumuramu gumaacha olaanaa qaban hunda galateeffataniiru.

Hojiilee misooma Koriidarii marsaa 1ffaa fi 2ffaa hojjetamaa turaniin Daandiin lafoo Kiiloo meetirri 342, Daandiin Konkolaataa Kiiloo meetirri185, Daandiin Saayikilaa Kiiloo Meetirri 241,Ibsaan Daandii Ammayyaa, Iddooleen Bashannana ummataa, bu’uuraaleen tajaajila ummataa, bakkeewwan taphaa daa’immanii 101, bakkeewwan sosochii Ispoortii 155, Paarkiingii fi tarminaaloonni ammayyaa 153, akkasuma manneen Fincaanii ummataa 210 ijaaramuun tajaajilaaf banaa ta’uu eeran kantiibaa Adaanech Abeebeen.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.