Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessiifi raabsaa dhaabbilee boba’aa irratti hojmaanni qooda gabaa haaraan hojiirra oole

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2018 (FMC)- Dhiyeessiifi raabsaa dhaabbilee boba’aa irratti hojmaanni qooda gabaa haaraan hojiirra ooleera jedhe Abbaan Taayitaa Boba’aafi Inarjii.

Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa Dooktar Dastaaw Maku’aanint akka jedhanitti, raabsaa boba’aa haala haqa qabeessaa fi misooma biyyaaf ooluu danda’uun fayyadamuun barbaachisaadha.

Boba’aan hawaasaaf haala haqa qabeessa ta’een akka dhiyaatuuf hojmaanni qooda gabaa qorannoo bu’uureffate hojiirra ooluus eeraniiru.

Hojmaanni Kanaan dura ture adeemsa boba’aa buufataalee boba’aatiin gahuu keessatti al-seerummaaf karaa kan banu ta’uu qorannoon adda bahuu ibsaniiru.

Hojmaanni haaraan kun dhiyeessii boba’aa fooyyessuu dabalataan fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessuun oomishni qusannaa fi haala bu’aa qabeessa ta’een akka fayyadamamu taasisa jedhan.

Dabalataanis hojmaanni Jibuutiirraa eegalee raabsaa boba’aa hordofuuf dandeessisu hojiirra kan oolu ta’uu kaasanii, kunis waliingahiinsa boba’aa irratti jijjiirama olaanaa fida jedhan.

Qaamolee bittaafi gurgurtaa boba’aa irratti badii guddaa raawwatan irratti tarkaanfiin fudhatamuus yaadachiisaniiru.

Yashaambal Mihiratitu Gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.