Fana: At a Speed of Life!

Gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa ka’an keessaa muraasa,

👉Walitti bu’iinsa iddoolee tokko tokkotti mul’atuun dararaa ummatarra gahaa jiru hambisuuf maaltu hojjetamaa jira?

👉Garee ABUT waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa cinaatti dhiisuun biyya diiguuf diinota seenaa waliin hojjetaa jira. kana karaatti deebisuuf hojiileen hojjetamaa jiran maali?

👉Qaamoolee Maree Biyyaaleessaa keessatti hirmaachuuf fedhii hin qabne ilaalchisee ejjennoon mootummaa maali?

👉Adeemsi fooyyessa Diinagdee Gooroo yeroo ammaa maal irra jira?

👉Rakkoolee dhiyeessii manneen jireenyaa furuuf hojiileen hojjetamaa jiran maali?

👉Rakkoolee bulchiinsa gaarii kenniinsa tajaajilaarratti mul’atan furuuf maaltu hojjetamaa jira?

👉Raawwii misooma qindaa’aa Koriidariin walqabatee garaagarummaa naannolee naannoleetti, magaalaa magaalaatti, Godinaa godinaatti jiru fi komii ta’e sirreessuuf mootummaan maal karoorfate?

👉 Qaala’iinsa jireenyaa walitti fufiinsaan mul’atu furuuf hojiilee hojjetamaa jiraniin namoota gochaa seeraan alaarratti bobba’aan adaba qabsiisuuf hojiilee hojjetamanirratti osoo ibsi kenname.

👉Keessattuu daballii gatii kiraa mana jireenyaa, meeshaalee bu’uuraa fi kanneen biroorratti mul’atu furuuf tarkaanfiin mootummaan fudhataa jiru maali?

👉Ajandaa biyyaalessaa filannoo biyyaalessaa waliin walirra bu’an Marii biyyaalessaan xiyyeeffannaan furuuf maaltu yaadame?

👉 Filannoo biyyaaleessaa bara kana gaggeeffamuuf jiru haqa qabeessa, amanamaa, diimokiraatawaa fi hirmaachisaa taasiisuuf qophiin jiru maal fakkaata?

👉Hanqinaalee qulqullina barnootaa sadarkaa gadiirraa furuu fi barattoonni akka hin kufneef xiyyeeffannaan kenname maali?

👉 Bariisootaa ga’umsaan leenjisuurratti xiyyeeffannaa kenname ilaalchisee ibsi osoo kenname?

👉Karra galaanaa irratti adeemsa hanga ammaatti jiru ilaalchisee ibsi kennamee?

👉Fedhiin karra galaanaa Itiyoophiyaa fedhii biyya ollaa keenyaa Eertiraa waliin yoo ilaalamu akkamiin ibsama?

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.