Fana: At a Speed of Life!

Gargaaramtummaan Kaansarii Humna hojjechuu danda’u nyaatuudha –Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Gargaaramtummaan Kaansarii humna hojjechuu danda’u nyaatuudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad dhimma gargaaramtummaarratti ibsa kennaniin ,gargaaramtummaa keessa haa baanuu jechuun ummanni jijjiirama yaadamaa fiduun hojjechuu akka qaban hubachuu eegaluu ibsaniiru.

Kanaanis hojiileen ashaaraa magariisaa, sagantaa maaddii guutuu,oomishtummaa dabaluu, hojiilee gargaaramtummaa keessaa ba’uuf tumsan ta’uu himaniiru.

Jijjiiramoonni qamadiirratti dhufan qaama gargaaramtummaa keessaa ba’uu ta’uu dubbataniiru.

Yeroo ammaa hojiin oomisha tamiirii, ocholoonii, sanyiilee filatamoo biyya alaarraa fichisiisuun oomishuun eegalamuus kaasaniiru.

Gargaaramaa guyyatti sadi nyaachuurraa ofii keenyaan guyyaatti lama nyaannee nutti hafuu isaa wayyaa jedhaniiru.

Bu’aaleen hedduun kan itti galmaa’aa jiran waan ta’eef daandii hedduun yeroon ammaa kan Itiyoophiyaa ta’uu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.