Fana: At a Speed of Life!

Qaamoleen hundi fedhii dhuunfaa fi aangoo keessa bahuun faayidaa biyyaaf dursa kennuu qabu – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2018 (FMC) – Qaamoleen hundi fedhii dhuunfaa fi aangoo keessa bahuun faayidaa biyyaaf dursa kennuu qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Nageenyi daraan nu barbaachisa garuu qaamoleen hundi fedhii dhuunfaa fi aangoo keessa bahuun faayidaa biyyaaf dursa kennuu qabu jedhan.

Waliigalteen Piriitooriyaa kan mari’anne Geetachoo, Tsaadqaanee fi garee isaanii faana ta’ee osoo jiruu qaamolee waa’ee Piriitooyiyaa quba hin qabne waa’ee isaa haasa’aa oolaan jedhan.

Akkaataa heera mootummaan waliigaltee godhameedha, garuu ABUT seeraa fi heera ofii ijaaran diiganii mootummaa balaalleffatu jechuun ibsan.

Bakkeewwan hedduutti gaaffiin daangaa jiru, garuu gaaffichi murtoo ummataan malee deebi’uu akka hin dandeenya ibsan.

Gaaffiin daangaa naannoo Tigraayii fi Amaaraas kanneeniin adda akka hin taane eeran.

Akkaataa waliigaltee Piriitooriyaanis dhimmi gaaffii daangaa murtoo ummataan akka furamu waliigalame jedhan.

Rakkoo kamiiyyuu marii fi marabbaan furuun ala hidhannoon gaaffiin deebii argatu akka hin jirre hundi hubachuu akka qabu kaasan.

Waraanni Tigraayitti gaggeeffame kan wallaggatti gaggeeffame hin caalu, garuu waraanni Tigraay akka addaatti xooxeffama jedhan.

Waraanni Tigraayitti gaggeeffamaa jiru waraana bu’uuraa fi bu’aa hin qabne ta’uu ibsan.

Mootummaan Federaalaa Tigraay keessatti waraana gaggeessuuf kaayyoos fedhiis hin qabu jedhan.

Qaamni badhaadhina Itiyoophiyaa hin deeggarre, dadhabuu hin barbaanne, of qofa xooxessu biyya ijaaruu hin danda’u jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.