Fana: At a Speed of Life!

Morkii cimaa torbee kanaa Maachiister Siitii vs Liiverpuul…

Finfinnee, Onkoloolessa 30, 2018 (FMC) –Taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz torbee 11ffaan taphni Maanchiister Siitiin Liiverpuul keessummeessu xiyyeeffannoo argateera.

Har’a waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee Astoon Viilaan – Boornimaawuuz, Bireentifoordi – Niwuukaasiil, Kiristaal Paalaas – Biraayitan, akkasuma Notingahaam Forest – Liidis Yuunaayitiid waliin taphatu.

Galgala sa’aatii 1:30 morkiin Maanchiister Siitii fi Liiverpuul gidduutti godhamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Kilaboonni lamaan taphoota waliin taphatan 194 keessaa Liiverpuul yeroo 92 yoo injifatu, Siitiin si’a 52 injifateera.

Taphoota 50 irratti ammoo qabxii qoodataniiru.

Piriimeer liigii bara kanaa hanga ammaatti taphatameen Maanchiister Siitiin qabxii 19 walitti qabachuun sadarkaa 3ffaarratti yoo argamu, Liiverpuul qabxii 18’n sadarkaa 6ffaarra jira.

Siitiin taphoota 10 Piriimeer Liigichaan bara kana taphate 10 keessaa 6 injifachuun 1 qixa bahuun 3 injifatame.

Liiverpuul ammoo 6 injifachuun 4 injifatame.

Leenjisaan Maanchiister Siitii Peep Gaardiyoolaan har’a tapha kuma 1ffaa isaa taasisa.

Taphoota 999 hanga ammaatt taphate keessaa 715 injifannoon xumureera.

Waggoottan 18 darban keessa Baarseloonaa, Baayerni Muuniiki fi Siitii waliin turtii taasiseen waancaawwan 40 fudhateera.

Siifan Magarsaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.