Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Faransaay hojii sarara elektirikaa diriirsuu tumsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Onkoloolessa 25, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaa fi Faransaay waliigaltee damee sarara elektirikaa diriirsuu sadarkaa giddugaleessaa tumsaan hojjechuuf isaan dandeewaliif mallatteessan.

Waliigalticha hoggantoonni Tajaajila Elektirikii Itiyoophiyaa fi Tajaajila Elektirikii Faransaay mallatteessaniiru.

Sirni waliigaltee mallatteessuu kun Fooramii Inveestimeentii Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa Paaris Faransaayitti geggeeffamaa jiru cinatti kan raawwatamee dha.

Akkaataa waliigaltee kanaan biyyoonni lamaan sarara elektirikaa sadarkaa giddugaleessaa diriirsuu fi utuu humni addaan hincitin haala sararri elektirikii su[phuun itti danda’amu irratti tumsaan kan hojjetan ta’a.

Dabalataanis deggersa tekinikaa fi leenjiin, dhiyeessii galteewwaniin, ijaarsa dandeettii fi waliigaltee liqaa dabalatee dameelee biroo irratti tumsaan akka hojjetan ibsameera.

Hojiraawwachiisaa olaanaan Tajaajilichaa Injiinar Geetuu Garramoo yerooma kana akka ibsanitti, waliigaltichi humna dhaabbatichaa cimsuun suphaa neetiwoorkii amansiisaa nageenyi isaa mirkanaa’e raawwachuuf kan dandeessisuu dha.

Kunis walga’iinsa humna elektirikii caalmaatti guddisuun damee humnaa ammayyeessuuf ga’ee olaanaa akka taphatu dha kan ibsan.

Gama biraan Tajaajilichi haala galteewwan elektirikii Itiyoophiyaa keessatti oomishuun danda’amu irratti dhaabbata Keeniyaa “Teemsi Eleektirik” jedhamu waliin mari’ateera.

Kanaanis Teemsi eleektirik bu’uuraalee misoomaa elektirikaa Itiyoophiyaa keessatti oomiishuuf fedhii akka qabu ibsuu isaa hoji raawwachiisaan Kominikeeshnii Tajaajilichaa Anwaar Abraar Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.