Fooramiin wal’aansa baqaqsanii yaaluu paan Afrikaa eegalame
Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2018 (FMC) – Fooramiin wal’aansa baqaqsanii yaaluu Paan Afrikaa Finfinneetti eegalameera.
Fooramii har’a dabalatee guyyaa sadiif turu kana Itiyoophiyaatu Gamtaa Afrikaa, Afrikaa “CDC” fi Eegumsa Fayyaa Sarjiikaalaa Paan Afrikaa waliin ta’uun qopheesse.
Waltajjicha irratti hojiiwwan eegumsa fayyaa ulaagaalee bu’uuraa guutan Afrikaaf akka barbaachisan fi hojiiwwan eegumsa fayyaa kunniin sirnaan hojjetamuu akka qaban eerameera.
Dabalataanis eegumsa fayyaa baqaqsanii yaaluu guddisuuf hojiiwwan karoora bu’uureffatan dirqama ta’uu fi gama kanaan jiraattota Afrikaa hubachiisuun akka barbaachisu ka’eera.
Hoggantoonni Gamtaa Afrikaa, Afrikaa “CDC” fi ministiroonifi bakka bu’oonni biyyoota 40, ogeeyyiifi hoggantoonni wal’aansa baqaqsanii yaaluu, akkasumas keessummoonni afeeraman waltajjicha irratti hirmaataniiru.
Wandimmaaganyi Tsaggaayeen
#Oromia #Ethiopia