Kenna Tajaajila Dhaabbiilee Fooyyeessuuf wiirtuu tajaajila iddoo tokkoo mijeessineerra – obbo Ordiin Badrii
Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC) – Wirtuun kenna tajaajila iddoo tokkoo Mesoob Naannoo Harariitti hojjetame tajaajila jalqabuu,Pireezidaantiin Naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii ibsan.
Komiiwwan kenna tajaajilaarratti hawaasa mudatan furuuf tajaajilli iddoo tokkoo Mesoob gahee gudda qabas jedhan.
Dhaabbileen mootummaa dararaafi dedeebisaa malee hawaasa akka tajaajilaniif kenna tajaajila dhaabbiilee mootummaa foyyeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.
Marsaa jalqabaatiin Dhaabbileen adda addaa torba giddu-gala kana keessatti hawaasa tajaajilu jedhame.
Komishinarri Ittaantuu Koomishiinii Siivil Sarvisii Itiyoophiyaa aadde Almaaz Massalee, wirtuun tajaajila iddoo tokkoo Mesoob rakkoo kenna tajaajilaa furuun hawaasni dararaa malee tajaajila hedduu iddoo tokkotti saffisan akka argatu gargaara jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.