Misoomni Ruuzii ergama oomisha Alaa galu bakka buusuuf qabame milkeessaa Jira- BKO
Finfinnee, Sadaasa 12, 2018 (FMC)- Misoomni Ruuzii ergama oomisha Alaa galu bakka buusuuf qabame milkeessaa Jira jedhe Biiroon Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa .
Biirichi misooma ruuzii ilaalchisee ibsa baaseera, guutuun ibsichaa akka itti aanuutti dhiyataeera.
Dilbiiwwan qabeenya uumamaafi haala mijaawaa qabnutti sirnaan fayyadamuu dhabuu irraa kan ka’e oomishaaleen gara garaa baasii olaanaan biyya alaarraa galfamaa turaniiru.
Jijjiiramaan booda tarkaanfii haaraa cabiinsa dinagdee qolachuuf hojiirra oolfameen oomishaaleen biyya alaarraa galfamaa turan biyyuma keessatti misoomsuun milkaa’inootni galmaa’aa jiru.
Mootummaan milkaa’inoota argaman babal’isuun galmoota misooma Baadiyaatiin qabaman wabii nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, oomishaa alaa galu biyya keessatti oomishuufi carraa hojii uumuuf hojii hojjetamaa jiruun boqonnaa haaraa saaquun danda’eera.
Ergama hiyyummaa qolachuun badhaadhina amansiisaa fiduuf qabame kana galmaan ga’uufis Mootummaan Naannoo Oromiyaa damee Qonnaatiin Inisheetiiviiwwan garaagaraa 33 ol bocuun hojiitti hiike keessaa misoomni Ruuzii isa tokkodha.
Misooma Ruuzii gaggeeffamaa jiruunis omisha alaa galu biyya keessatti oomishuun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee alergii guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.
Misoomni Ruuzii bifa aadaatiin Lixa Oromiyaatti misoomaa kan ture yoo ta’u bara 2014 mootummaan labsii Beddellee labsuun hojiirra oolchee oomisha alaa galu bakka buusuuf misoomsuun eegalame. Kanaanis bara oomishaa 2013/2014 lafa hektaara kuma 16 irratti misoomsuun callaa kuntaalli kuma 800 ol argameera.
Muuxxannoo argame Godinaalee Kibba Lixaafi Lixa Oromiyaatti babal’isuun bara oomishaa 2014/2015 keessa lafa hektaara Kuma 100 ol misoomsuun callaan kuntaalli miliyona Afur ol kan argame yoo ta’u bara oomisha 2017/2018ttis lafti hektaarri miliyoona 1.28 Ruuziin misoome irraa callaa kuntaala miliyoona 58.5 argachuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa sanyii Ruuzii fooyya’aa oomishtummaa olaanaa argamsiisu hojiirra oolchuun ergama Ruuzii biyya keessatti oomishuuf qabame milkeessuuf misooma Ruuzii Godinaalee Oromiyaa Saddeet keessatti babal’isuun danda’ameera.
Golli Oromiyaa Waqtiilee Hundaa Misooma!
Biiroo Kominikeeshiinii Oromiyaa
Sadaasa 2018
Finfinnee