Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii IMF waliin mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 13, 2018(FMC) – Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad pirezidaantii Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa(IMF) Kiristaaliinaa Joorjiiyeevaa waliin mari’ataniiru.
Walga’ii hoggantoota biyyoota miseensa garee 20 cinatti pirezidaantittii waliin mari’achuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin kan ibsan Dooktar Abiy, dhimmoota dinagdee idil addunyaa, Fooyyaiinsa dinagdee biyyaa akkasumas guddina itti fufaa fi hammataa ta’e tumsuuf carraawwan jiran irratti mari’anneerra jedhan.
Hariiroo gaarii IMF Itiyoophiyaa waliin qabuufis galata dhiyeessuu isaaniis ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia