Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bonaa ganna oomishuun karoorri wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu milka’aa jira – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Sadaasa 15, 2018 (FMC)- Oromiyaatti bonaa ganna oomishuun karoorri wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu milkaa’aa jira jedhan Pireezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Obbo Awwaluu Abdii Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti facaasaa qamadii jallisii bonaa eegalchiisaniiru.

Oromiyaatti bonaa ganna oomishuun idilee ta’uun ibsuun, oomishaafi oomishtummaan naannicharraa argamus dachaan dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Oomishtummaa dabaluun karoorri wabii midhaan nyaataa mirkanaa’aa jiraachuu kaasuun, galteewwaniif makaanaayizeeshinii qonnaa qonnaan bultootaaf dhiheessuun qonni naannichaa akka ammayya’u taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

Qonna qamadii jallisii bonaa kanaan naannichatti lafti hektaara miliyoona 4 ol kan misoomu ta’uus obbo Awwaluun himaniiru.

Godinichattis lafti heektaara kuma 100fi kuma 80 ol qamadii jallisiin misoomaa jiraachuun ibsamuu ragaan BKO ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.