Gareen Biyyaalessa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadii walakkaa xumuraaf darbe
Finfinnee, Sadaasa 15, 2018 (FMC) –Gulaallii Waancaa Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaan Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadii walakkaa xumuraaf darbe.
Keeniyaan Sudaan Kibbaa galchii 2 fi 0’n injifachuu hordofee Gareen Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa umrii waggaa 17 gadii taphni tokko osoo hafuu walakkaa xumuraaf darbuu mirkaneeffateera.
Ramaddii 1ffaa keessaa Itiyoophiyaa fi Keeniyaan walakkaa xumuraaf darbuu mirkaneeffataniiru.
Biyyoonni lamaan Roobii dhufu tapha ramaddii xumuraa kan waliin taphatan ta’a.
Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi Ruwaandaan ramaddicha keessaa gaggeeffamaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.